WAXABAJJII 1, 2022 | ODUU HAAREFFAME: FULBAANA 6, 2023
RAASHIYAA
ODUU HAAREFFAME—OBBOLOONNI KEENYA YAKKAMTOOTA AKKA TAʼAN ISAANITTI MURTAAʼE | Yihowaan Isaan Cinaa Waan Jiruuf Jabaatanii Dhaabbachuu Dandaʼaniiru
Fulbaana 5, 2023, Manni Murtii Magaalaa Niizyinyakaamski inni Riippabliika Taataaristaanitti argamu obboloonni keenya Deenis Filaatoov, Istaaniislaav Kiliinchiinkoovii fi Dimiitrii Yoorkak yakkamtoota akka taʼan murteesse. Sadan isaaniitti iyyuu hidhaan daangaa waggaa jaʼa murtaaʼeera. Haataʼu malee yeroo kanatti mana hidhaa hin galan.
Chaartii Yeroo
Sadaasa 18, 2020
Poolisoonni Tajaajila Nageenyaa Federaalaa fi poolisoonni meeshaalee waraanaa guguddaa hidhatan manneen maatii Dhugaa Baatota Yihowaa magaalaa Niizyinyakaamski 12 sakattaʼan. Obboloonni sagalii fi obboleettonni sadii qorannoodhaaf gara waajjira poolisiitti geeffaman
Hagayya 24, 2021
Qorannoo sana booda, Deenis, Istaaniislaavii fi Dimitriin akka hin imalle dhorkaan isaan irratti godhame
Onkoloolessa 7, 2021
Deenis, Istaaniislaavii fi Dimitriin himanni yakkaa isaan irratti baname. Kan himatamanis ‘faarfannaawwan amantii addaa waan faarfatanii fi kadhannaa waan dhiheessaniifi dha’
Amajjii 27, 2022
Himanni yakkaa isaan irratti dhihaate Mana Murtii Magaalaa Niizyinyakaamski isa Riippabliika Taataaristaanitti argamutti dabarfame
Ibsa Gabaabaa
Obboloonni keenya hamma jabina Yihowaan kennutti amanamuu isaanii itti fufanitti, akkuma Daawit farfatichi, “Ani Waaqayyo na cinaa akka jiru mirkanaaʼaa dha” jedhee akka isaanitti dhagaʼamu amanannaa guutuu qabna.—Faarfannaa 56:9.