SADAASA 2, 2021
RAASHIYAA
ODUU HAAREFFAME | Saakhaliinitti Obboloonni Shan Yakkaan kan Himataman Taʼus, Deggarsa Yihowaatti Amanamaa Jiru
Caamsaa 11, 2022, Manni Murtii Naannoo Saakhaliin ol iyyannoo obboleessi keenya Viyaacheeslaav Ivaanoov, Aleeksaandar Koozlitin, Sergee Kulaakuuv, akkasumas Obboleettii Taatyaanaa Kulaakuuvaa fi Obboleessi Yeevgeenii Yalin dhiheessan fudhachuu dide. Yeroo kanatti mana hidhaa galuun isaan hin barbaachisu.
Amajjii 31, 2022, Manni Murtii Magaalaa Neveliskii inni Naannoo Saakhaliinitti argamu Viyaacheeslaav, Aleeksaandar, Sergee, akkasumas Taatyaanaa fi Yeevgeeniin yakkamtoota akka taʼan murteesse. Sergee fi Yeevgeeniin waggaa jaʼaa fi jiʼa jaʼaaf dhorkaa tokko tokko jala akka turan itti murtaaʼe. Obboleessi Viyaacheeslaavii fi Aleeksaandar akkasumas Obboleettii Taatyaanaan immoo waggaa lamaaf dhorkaa tokko tokko jala akka turan itti murtaaʼe.
Chaartii Yeroo
Adoolessa 2020
Viyaacheeslaav, Aleeksaandar, Sergee fi Taatyaanaan imala akka hin goone daangeffamaniiru
Ebla 2, 2020
Yeevgeeniin imala akka hin goone ni dhorkame
Amajjii 20, 2019
Poolisoonni Tajaajila Nageenyaa Federaalaa fi Poolisoonni Raashiyaa dhoksaadhaan hojjetan manneen namoota Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan shakkaman 11 weeraran. Poolisoonni sun ni dheekkamu turan; ijoollee xixinnoollee ni qoru turan. Kun kan taʼe Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin ariʼatama Dhugaa Baatota Yihowaa irra gaʼu akka qoratan waadaa erga galanii yeroo muraasa booda dha
Ibsa Gabaabaa
Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya kana kunuunsuu isaa akka itti fufu beekna; isaan yaada, “Waaqayyo fayyisaa koo ti. Ani amanannaa qaba, homaas hin sodaadhu” jedhu irratti walii galu.—Isaayyaas 12:2.