Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaatti: Obboleessa keenya Aleeksii Burchaaki fi haadha manaa isaa Aanaa; Obboleessa Dimiitrii Goolikii fi haadha manaa isaa Kiristiinaa

BITOOTESSA 9, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Keenya Aleeksii Burchaakii fi Dimiitrii Goolik Bilaagovyeeshayeenskiitti Yakkamtoota Akka Taʼan Isaanitti Murtaaʼuu Dandaʼa

Obboleessi Keenya Aleeksii Burchaakii fi Dimiitrii Goolik Bilaagovyeeshayeenskiitti Yakkamtoota Akka Taʼan Isaanitti Murtaaʼuu Dandaʼa

ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Yeroo Lammaffaaf Dhihaate Fudhachuu Dide

Guraandhala 16, 2022, Manni Murtii Ol Iyyannoo Sadarkaa Salgaffaa ol iyyannoo obboloonni keenya Aleeksii Burchaakii fi Dimiitrii Goolik yeroo lammaffaaf dhiheessan fudhachuu dide. Kanaaf akkuma hidhamanii jiranitti itti fufu.

Fulbaana 2, 2021, Manni Murtii Naannoo Amuur ol iyyannoo obboloonni keenya Aleeksii fi Dimiitriin dhiheessan fudhachuu dide. Murtiin Aleeksiitti murtaaʼe akkuma jirutti itti fufa, haa taʼu malee, manni murtichaa murtii Dimiitriitti murtaaʼe irraa jiʼa 10 hirʼiseera. Dhiheenyatti waajjira poolisiitii gara mana hidhaatti dabarfamaniiru.

Manni Murtii Raashiyaa Obboloota Keenya Lamatti Hidhaa Waggaa Dheeraa Bara 2017 Asitti Murteeffamee hin Beekne Murteesse

Waxabajjii 30, 2021​tti, Manni Manni Murtii Magaalaa Bilaagovyeeshayeenskii inni Naannoo Aamuuritti argamu Aleeksiitti hidhaa waggaa saddeetii Dimiitriitti immoo hidhaa waggaa torbaa murteesse. Jaarmiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa bara 2017​tti Raashiyaa keessatti erga dhorkamee kaasee hidhaa dheeraan Dhugaa Baatuu tokkotti murtaaʼe hidhaa waggaa torbaa fi walakkaa ture. Obboloonni kun lamaan mana murtiidhaa gara mana hidhaatti geeffamaniiru.

Ibsa Gabaabaa

Aleeksii Barchaak

  • Bara Dhalootaa: 1975 (Kartaalii, Naannoo Chiliiyaabiniski)

  • Seenaa Jireenyaa: Hojii Ijaarsaa fi anaaxummaa hojjeteera. Bara 1990n keessa Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu eegale. Ispoortiiwwan hammina of keessaa qaban irratti hirmaachuu dhiiseera. Michoota isaa wajjin kubbaa miillaa taphachuu ni jaallata. Bara 1998​tti cuuphame. Bara 2008​tti Aanaa fuudhe

Dimiitrii Goolik

  • Bara Dhalootaa: 1987 (Tokhooy, Riippabliika Buuriyaatiyaa)

  • Seenaa Jireenyaa: Hojii Afaan Chaayinaa gara Afaan Raashiiyyaatti hiikuu hojjeta. Ulfaatina kaasuu, kubbaa miillaa taphachuu fi gitaara taphachuu ni jaallata.

    Bara 1990n keessa guutummaan maatii isaa Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu eegale. Bara 2002​tti cuuphame. Yeroo tajaajila loltummaa akka kennu filatameetti bakka isaa hojii hawaasummaa kennuuf gaafate. Achiis dhaabbata namoonni dullooman itti kunuunfaman keessaa akka hojjetu ramadame. Bara 2012​tti Kiristiinaa fuudhe. Tajaajila isaanii balifachuuf waliin taʼanii Ingiliffaa fi Afaan Chaayinaa barachaa jiru.

Himata

Bara 2018 gara jalqabaatti bakka buutonni mootummaa dhoksaadhaan meeshaa sagalee fi viidiyoo waraabu mana obboleessa keenya Goolik kaʼan. Waxabajjii 2018​tti, Poolisoonni Tajaajila Nageenyaa Federaalaa (FSB) manneen Dhugaa Baatota Yihowaa Bilaagovyeeshayeeniskii keessatti argamu torba sakattaʼaan. Kanaan kan kaʼes obboloonni keenya Aleeksii Burchaakii fi Dimiitrii Goolik yakkaan himataman.

Sochii jaarmiyaa finxaaleessaa qindeessitaniittu jedhamanii himataman. Aleeksiin waaʼee himata yakkaa isa irratti banamee yeruma sana hin dhageenye. Amajjii 21, 2019​tti, Buufata Xiyyaaraa Damodiyadavaa Mooskootti, bakka paaspoortii toʼatanitti qabame. Qorataan Poolisoota Tajaajila Nageenyaa Federaalaa biyya inni jiraatutti isa deebise. Achis iddoo kan biraa akka hin deemne dhorkame.

Lamaan isaanii iyyuu dursanii qophaaʼuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe hubataniiru. Dimiitriin akkana jedheera: “Bilisummaadhaan Yihowaa waaqeffachuuf abdachuun gaariidha; garuu immoo ariʼatamaaf qophaaʼuunis gaarii dha. Ariʼatamaaf qophaaʼuun na fayyadeera. Haa taʼu malee, karaa hafuuraa qophaaʼuun caalaatti gaarii dha. Yeroo ariʼatamni nu irra gaʼu, wanti barbaachisaa taʼe dandeettii keenya ykn namoota nu ariʼatan jalaa dhokachuu dandaʼuu keenya utuu hin taʼin, amanamummaa Yihowaaf qabnudha. Yesuus diinoota isaa jalaa dhokachuu ni dandaʼa ture. Haa taʼu malee galmi isaa kana hin turree. Nutis barattoota isaa waan taaneef, galmi keenya qorumsi akka nu hin mudanne gochuu miti, kanaa mannaa qorumsa nu mudate karaa sirrii taʼeen keessa darbuudha.”

Aleeksiin immoo akkana jedheera: “‘Ariʼatamni na hin mudatu’ jedhanii yaaduun sirrii miti. Yihowaan ariʼatamni akka nurra gaʼu akka heyyame ifadha. Ariʼatamnii akka si mudachuu dandaʼu amantee yoo fudhattee fi ilaalcha gaarii yoo horatte yeroo ariʼatamni si mudatu gargaarsa Yihowaatti amanamuudhaan jabaattee dhaabbachuun siif salphata.”

Aleeksii, Dimiitrii fi haadhotii manaa isaanii dabalatee obboloonni keenyaa Raashiyaa jiran akkuma faarfatichaa: “Kunoo, Waaqayyo gargaaraa koo ti;Yihowaan warra na deggeranii wajjin jira” jechuu isaanii akka itti fufan beekna.—Faarfannaa 54:3, 4.