HAGAYYA 3, 2021
RAASHIYAA
Obboleessi Keenya Andiree Ooremichaak Jabina Yihowaan Isaa Kennutti Amanamaa Jira
ODEEFFANNOO HAARAA | Guraandhala 3, 2022, Manni Murtii Ol Iyyannoo Sadarkaa Arfaffaa iyyata Obboleessa keenya Andiree Ooremichaak fudhachuu dide. Murtiin jalqaba waggaa afuriif dhorkaa tokko tokko jala akka turu itti murtaaʼe akkuma jirutti itti fufa. Haa taʼu malee yeroo kanatti mana hidhaa hin galu.
Chaartii Yeroo
Caamsaa 22, 2019
Poolisoonni fuula haguuggatan ganama bariidhaan manaa fi konkolaataa Andiree sakattaʼan
Onkoloolessa 29, 2020
Himanni yakkaa ni dhihaate. Walgaʼii amantii seeraa ala taʼe irratti hirmaateera, akkasumas sochii jaarmiyaa finxaalessaa deggereera jedhamee himatame
Ebla 5, 2021
Himanni yakkaa ilaalamuu eegale
Hagayya 2, 2021
Manni Murtii koonyaa Leeniiniskii inni Roostoov Oon Doon jiru Andireen yakkamaa dha jedhee murteesse. Manni murtichaa waggaa afuriif dhorkaa tokko tokko jala akka turu itti murteesseera
Onkoloolessa 4, 2021
Manni Murtii Naannoo Roostoov ol iyyannoo Andireen dhiheesse fudhachuu dide. Murtiin jalqaba itti murtaaʼe akkuma jirutti itti fufa
Ibsa Gabaabaa
Amantii cimaan obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa jiran argisiisan hunda keenyaafuu fakkeenyaa gaarii taʼa. Andiree fi maatiin isaa abbaa keenya isa samii Yihowaatti guutummaatti amanamuu isaanii hamma itti fufanitti qorumsa kana akka dandamatan beekna.—Faarfannaa 37:5.