CAAMSAA 7, 2024
RAASHIYAA
Obboleessi Keenya Antoon Virich Waggaa Jaʼaa fi Jiʼa Lama Akka Hidhamu Itti Murtaaʼe
Ebla 25, 2024tti, Manni Murtii Godinaa Poozihaariskii Naannoo Priimooriyee Obboleessa keenya Antoon Virichitti waggaa jaʼaa fi jiʼa lama murteesseera. Adoolessa 11, 2023 irraa eegalee mana hidhaa kan jiru siʼa taʼu achuma tura.
Ibsa Gabaabaa
Qorumsa keessatti jabaannee dhaabbachuudhaan jaalala Yihowaadhaaf qabnu yoo argisiisne isa biratti fudhatama akka argannuu fi akka inni nu eebbisu beekuun nama jajjabeessa.—Yaaqoob 1:12.
Chaartii Yeroo
Guraandhala 11, 2021
Himanni yakkaa ni baname
Sadaasa 9, 2021
Antoonitti utuu hin beeksisin himanni isarratti banamee manaa akka hin baane dhorkame
Adoolessa 11, 2023
Poolisoonni sochii tiraafikaa yeroo toʼatanitti Antooniin dhaabsisanii baqachaa akka jiru itti himuudhaan toʼannaa jala isa oolchan. Achiis bakka yeroodhaaf itti tursiisan isa galchan
Adoolessa 15, 2023
Mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisaniifi magaalaa Luuchegoriskitti kiiloomeetira 4,700 fagaatee argamutti xiyyaaraan isa geessan
Sadaasa 7, 2023
Himanni yakkaa mana murtiitti ilaalamuu jalqabe
Ebla 25, 2024
Yakkamaadha jedhamee hidhaan waggaa jaʼaa fi jiʼa lamaa itti murtaaʼe