GURAANDHALA 14, 2024
RAASHIYAA
Obboleessi Vileen Avaanesoov Umurii Torbaatamii Tokkotti Mana Hidhaa Raashiyaatii Gadhiifame
Obboleessi Vileen Avaanesoovii gara waggaa shaniif mana hidhaa erga turee booda Guraandhala 9, 2024 gadhiifameera. Vileen Caamsaa 2019 qabamee hidhame. Adoolessa 29, 2021 hidhaan waggaa jaʼaa itti murteeffame. Buufata poolisiitti hidhamee waan tureef waggoota itti murteeffame guutuu hin hidhamne. Ilmisaa Aarseen isaa wajjin qabamee hidhaa ture. Aarseen garuu hin hiikamne.
Vileen hiikamuusaa yeroo muraasa dura haati manaasaa Isteellaa Avaanesoovaan akkana jetteetti: “Waggoottan lamaan jalqabaa inni buufata poolisiitti hidhamee ture yeroo hunda keenyaaf baayʼee rakkisaa taʼe ture. Baayʼee dhiphadheen ture. Xalayaa dabalatee karaa kamiin iyyuu isaa wajjin wal qunnamuun nuuf hin heyyamamu ture. Abbaan manaa koo fi ilmi koos waan hidhamaniif maallaqa wantoota maatii keenyaaf barbaachisan dhiheessuuf na gargaaru akkamitti argachuu akkan dandaʼu na yaaddessee ture.”
Rakkoowwan kun hundi isaan mudatanis Vileenii fi Isteellaan Yihowaan yeroo hunda akka isaan gargaaru mirkanaaʼoo turan. Itti fufuudhaan Isteellaan akkana jetteetti: “Yeroo inni himata yakkaatiif mana murtii geeffamu hundatti obboloonnii fi obboleettonni achitti argamaa akka turan Vileen natti himeera. Kun ragaa Yihowaan isa kunuunsaa akka jiru isaaf mirkaneessudha. Gama kootiin Yihowaan yeroo hunda wanta na barbaachisu naa kennaa jira. Yihowaan warra isatti amanaman akka deggeru dhibbaa dhibbattan amana.”
Vileenii fi Isteellaan deebiʼanii wal arguu isaaniitti baayʼee gammanna. Aarseen ilma isaanii akkasumas obbolootaa fi obboleettota keenya mana hidhaa jiran kaaniif yeroo hunda kadhanna. Yihowaan namoota isaaf amanamoo taʼaniif ifa, fayyisaa fi dahoo taʼuu isaa akka itti fufu ni amanna.—Faarfannaa 27:1.