ONKOLOOLESSA 21, 2021
RAASHIYAA
Obboloonni Raashiyaa Jiran Mana Hidhaa fi Mana Isaanitti Hidhamaa Kan Jiran Taʼus Gammadoo Taʼanii Itti Fufaniiru
ODUU HAAREFFAME | Bitootessa 3, 2022, Manni Murtii Naannoo Astirikaan ol iyyannoo Obboleessi Ruustaam Daayaarovii fi Sergee Kiliikunoov, akkasumas Obboleessi Yiivgeenii Ivaanoovii fi haati manaa isaa, Oolgaan dhiheessan fudhachuu dide. Arfan isaanii akkuma hidhamanii jiranitti itti fufu.
Chaartii Yeroo
Onkoloolessa 25, 2021
Manni Murtii Koonyaa Tiruusooviskii inni magaalaa Astirikaanitti argamu Ruustaam, Yiivgeenii fi Sergeetti hidhaa waggaa saddeetii murteesseera. Haadha manaa Yiivgeenii kan taate Oolgaatti immoo hidhaan waggaa sadii fi jiʼa jahaa murtaaʼeera. Obboloonni sadan durumayyuu mana hidhaa jiru. Obboleettiin teenya Oolgaanis yeruma sana mana hidhaatti geeffamteetti
Waxabajjii 11, 2020
Ruustaam, Yiivgeenii fi Sergeen buufata poolisiitti ergaman. Oolgaan immoo mana ishii keessatti akka hidhamtu taasifame
Waxabajjii 9, 2020
Poolisoonni 100 ol taʼan manneen maatiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa magaalaa Astirikaanitti argaman 27 weeraran. Ruustaam, Yiivgeenii, Oolgaa fi Sergeen buufata poolisiitti hidhaman
Waxabajjii 8, 2020
Ruustaam, Yiivgeenii, Oolgaa fi Sergee irratti himanni yakkaa ni baname. Obboloonni kun sochii finxaalessummaa akka gurmeessanii fi maallaqaan akka deggeran himataman. Oolgaan sochii finxaalessummaa irratti akka hirmaatte himatamte
Ibsa Gabaabaa
Yihowaan yeroo rakkinaatti tajaajiltoota isaa amanamoo taʼanitti yeroo hunda dhihoo taʼuu isaa beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa.—Faarfannaa 139:5, 10.