Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Aleksaandar Siikuunoov

MUDDEE 6, 2023
RAASHIYAA

“Qorumsi Kamiyyuu Amantii Dhugaa Laaffisuu hin Dandaʼu”

“Qorumsi Kamiyyuu Amantii Dhugaa Laaffisuu hin Dandaʼu”

Manni Murtii Godina Kaaltaansikii Naannoo Kemeroovoo dhimma obboleessa keenya Aleksaandar Siikuunoov irratti dhiheenyatti murtoo kenna jedhamee eegama. Abbaan alangaa hanga ammaatti wanta obboleessa keenya irratti akka murteeffamu barbaadu hin beeksisne.

Chaartii Yeroo

Namoota amanamoo hedduu, namni Yihowaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos irratti amantii qabu kam iyyuu akka hin qaanofne nu yaadachiisan qabaachuu keenyatti guddaa galateeffanna.—Roomaa 10:11.

Chaartii Yeroo

  1. Ebla 27, 2021

    Himanni isa irratti dhihaate

  2. Caamsaa 2, 2021

    Manni isaa ni sakattaʼame. Qabamee mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessatti hidhame

  3. Caamsaa 4, 2021

    Mana hidhaa hamma mana murtiitti dhihaatanitti keessatti hidhaman keessaa gadhiifamee manaa akka hin baane dhorkame

  4. Waxabajjii 24, 2021

    Dhorkaan manaa akka hin baane isa irratti godhame kaʼee akka hin imalle dhorkame

  5. Adoolessa 25, 2023

    Himanni yakkaa isa irratti dhihaate ilaalamuu jalqabe