Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Yeevgeenii Ziniichii

ADOOLESSA 7, 2022
RAASHIYAA

Yeevgeenii Ziniichiin Akkuma Warra Isaa, Akkoo fi Akkaakayyuu Isaa Yihowaadhaaf Amanamaa Taʼeera

Yeevgeenii Ziniichiin Akkuma Warra Isaa, Akkoo fi Akkaakayyuu Isaa Yihowaadhaaf Amanamaa Taʼeera

Waxabajjii 27, 2022, Manni Murtii Koonyaa Okitiyaabirskii inni Kiraasnaayaarsikitti argamu, obboleessi keenya Yeevgeenii Ziniichiin waggaa jaʼaaf akka hidhamu itti murteesseera. Yeruma sana mana hidhaatti geeffameera.

Chaartii Yeroo

  1. Muddee 11, 2020

    Manni Yeevgeenii ni sakattaʼame

  2. Amajjii 21, 2021

    Himanni yakkaa isa irratti dhihaachuu jalqabe

  3. Onkoloolessa 19, 2021

    Sochii jaarmiyaa finxaaleessaa taʼe qindeessiteetta jedhamee himatame

  4. Onkoloolessa 20, 2021

    Akka hin imalle dhorkaan isaan irratti godhame

  5. Muddee 14, 2021

    Himanni yakkaa isa irratti dhihaachuu jalqabe

Ibsa Gabaabaa

Hamma Yeevgeeniin akkuma warra isaa, akkasumas akkoo fi akaakayyuu isaa, yeroo rakkisaa taʼe kanatti ija jabina argisiisuu fi jabaatee dhaabbachuuf carraaqqii gochuu isaa itti fufetti, Yihowaan jaalala akka isatti argisiisuu fi akka isa jajjabeessu amanannaa guutuu qabna.—Faarfannaa 86:17.