Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Sargee Suushiilniikov

HAGAYYA 31, 2022
RAASHIYAA

‘Yihowaan Michoota Sodaa Tokko Malee Na Cinaa Dhaabbatan Naaf Kenneera’

‘Yihowaan Michoota Sodaa Tokko Malee Na Cinaa Dhaabbatan Naaf Kenneera’

Manni Murtii Koonyaa Kuznetiskii Noovookuznetiskii, Naannoo Kemeeroovootti argamu, dhimma obboleessa keenya Sargee Suushiilniikov irratti dhiheenyatti murtii dabarsa jedhamee eegama. Abbaan alangaa, wanta obboleessa kanarratti akka murteeffamu barbaadu hanga ammaatti hin beeksifne.

Chaartii Yeroo

  1. Sadaasa 2019

    Qorattoonni bilbila Sargee dhoksaadhaan dhaggeeffachuu fi viidiyoo kaameeraadhaan mana isaa hordofuu jalqaban

  2. Waxabajjii 3, 2021

    Himanni yakkaa isarratti baname

  3. Waxabajjii 8, 2021

    Manni isaanii ni sakattaʼame. Sargee fi haati manaa isaa qorannoodhaaf waajjira poolisiitti geeffaman

  4. Adoolessa 15, 2021

    Maqaan isaa galmee shororkeessitootaa federaalaa keessatti dabalame, akkasumas herrega baankii isaatti akka hin fayyadamne dhorkame

  5. Guraandhala 8, 2022

    Sochii jaarmiyaa finxaaleyyii qindeessiteetta, akkasumas itti fufsiisteetta jedhamee himatame. Imala akka hin goone dhowwame

  6. Bitootessa 30, 2022

    Himanni isa irratti dhihaate ilaalamuu jalqabe

Ibsa Gabaabaa

Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan “yeroo dhiphinaatti” yeroo hundumaa akka gargaaru beekuu keenyatti baayʼee jajjabaanna.—Faarfannaa 46:1.